Kuufannoo
Kadeedaa ykn koomputeera keessatti, yaadannoo meeshaa ykn sirna odeeffannoo battalumatti kompitara ykn jabajjii kedeedaa(computer hardware) walqabatee fi meeshaalee elektirooniksii lakqurxaawaa(digital) keessatti akka fayyadamaniif kuufachuuf gargaarudha.
Kuufannoon kompitaraa, akka tarree mannee kan lakkoofsa keessa kaa'uu ykn irraa dubbisuun danda'amutti ilaalun ni danda'ama. Manneen tokko tokkoonsaa teessoo lakkoofsaa (numbered address) kan qabu yoo ta'u lakkoofsa tokko kaa'uu danda'a. Kompitarri ajaja akka "lakkoofsa 123 mannee teessonsaa 1357 ta'e keessa kaa'i" ykn "lakkoofsa mannee teessonsaa 1357 ta'e keessa jiru kan mannee teessonsaa 2468 ta'e keessa jiru wajjin walitti ida'ii mannee teessonsaa 1595 ta'e keessa kaa'i" jedhu fudhachuu danda'a. Odeeffannoon kuufannoo keessa kaawwame waan kamiyyuu ta'uu danda'a. Qubee, lakkoofsi, ykn ajajni kompitaraa kuufannoo keessa kaawwamuu danda'a. Kutaan Hujeessaa giddugaleessaa akaakuu odeeffannoo adda addaa waan gargar hin baafneef, odeeffannoo kuufannoon akka tarree lakkoofsaatti qofa ilaalu kana, mosajjiituu gargara baasee hiika kennaafi.
Kompitara ammayyaa hunda keessatti, manneen kuufannoo lakkoofa lamee (binary number) garee biitii sadeeti ta'een akka olkaawutti hojjatame. Baayitiin tokko lakkoofsa adda addaa 256 bakka bu'uu danda'a (2^8 = 256); 0 hanga 255 yookan -128 hanga +127. Lakkoofsa guddaa kuusuuf, baayitiin walitti aananii dhufan baayyee fayyadamna (yeroo baayyee lama, afur ykn saddeet). Lakkoofsi nageetiivii ta'ee yoo barbaaddame, yeroo baayyee akka kompilimeentii lamaatti (two's complement) kaawwamu. Tooftan biraas ni jira, garuu iddoowwan addayaatti fi seenaa keessatti itti fayyadamuun ala gara biraatti baayyee hin mullatu. Yoo lakkoofsaan bakka buufamuu danda'e, kompitaroonni odeeffannoo gosa kamiyyuu kuufannoo keessa kaa'uu danda'u. Kompitaroonni ammayyaa kuufannoo baayitii biliyoonaa ykn tiriliyoona ta'u qabaachuu danda'u.
KHG akaakuu mannee kuufannoo addayaa, kan kuufannoo isa guddaa caala saffisaan dubbifamuu fi barreeffamu danda'u, kan rejister jedhamu qaba. Gosa KHG irratti hundaa'ee, yeroo baayyee KHG tokko keessa rejisterii lamaa hanga dhibbaatu jira. Rejisteriin daataa yeroo baayyee barbaaddamu kaa'uf fayyada, kunis yeroo daatan sun barbaaddame hunda gara kuufannoo isa guddaa irraa dubbisuu oolcha. Yeroo KHG daataa tokkorratti hojjachaa jiru, daataa kuufannoo isa guddaarraa odoo hin taane (kuufannoon ija KYHtiin yoo ilaallamu suutumee dha) rejisteriirraa fudhachuun saffisa kompitaraa dabala.
Kuufannoon kompitaraa akaakuu lamaan dhufa: RAM fi ROM. RAM yeroo KHG ajaje daatan itti barreeffamuu fi irraa dubbifamuu danda'a. ROMn garuu, moosaajii fi daataa hin jijjiiramneetu itti godhamee dhufa, kanaafuu KHG ROMirraa dubbisuu qofa danda'a. ROMn wayita baayee ajaja kompitarri yeroo jalqaba kaa'u itti fayyadamu qabata.
Qabiyyeen RAM yeroo kompitarri cufame ni bada, garuu qabiyyeen ROM yoomiyyuu hin badu. KM keessatti, ROMn sagantaa addayaa kan BIOS jedhamu yoo qabatu kunis yeroo kompitarri jalqaba ka'u, sirna dalagaa kompitaraa baxxee jabaarraa gara RAMtti fe'uuf tajaajila. Kompitara idaatii (embeded computers) keessatti, kan yeroo baayyee baxxee jabaa hin qabne, mosajjiin barbaachisaa ta'e hundi ROM keessatti kuufama. Mosajjiin ROM keessatti kuufame firmiweerii jedhama, sababiinsaas mosajjii caala haardiweerii waan fakkatu fi. Kuufannoon filaashii (flash memory) garaa garummaa ROM fi RAM gidduu jiru dukkaneessa, yeroo cufamess daataa ni kaa'a garuummoo itti barreesunis ni danda'ama. Kuufannoon filaashii garuu RAM fi ROM caalaa baayyee suuta kan hojjatu waan ta'eef, fayyadamni isaa bakka saffisni guddaan hin barbaachifne keessatti qofa murtaa'a.
Kompitaroota xaxamaa ta'an keessatti, kuufannoo RAM kaashii (RAM cache) tokkoo fi sanaa ol qabaachuu danada'a, kunis rejisterii caala suuta kan hojjatu yoo ta'u garuu kuufannoo isa guddaarra saffisa qaba. Kompitaroonni kaashii akkanaa qaban, daataa yeroo baayyee barbaaddamu ofumaa gara kaashitti geessu, kana gochuufis saganteessarraa wanti eeggamu tokkoyyuu hin jiru.