Jump to content

Jeneetiik

Wikipedia irraa

Jeneetiksiin ykn xiinsanyundeen ykn qordhaalmayni damee xiinjiree kan qorannoo dhaalmayaa fi adeemsa xiinjiree isaa ilaallatudha. Akkasumas qorannoo sanyundeelee, jiinoomii fi marsaa lubbiyyoo of keessatti qabata.

Jeneetiksiin qorannoo dalagaa dhaalmaya amala warra irraa hanga dhala hubachuuf godhamu jedhamee waama. Bu’uurri dhaalmayni irra dhaabbatu dhaala sanyii jedhamuun beekama. Hojimaata amala dhaloota tokko irraa gara dhaloota biraatti ittiin darbu jedhamee ibsama. Gregor Johann Mendel argannoowwan bu’uuraa dhaalmaya irratti argateen “Abbaa Xiinsanyundee Ammayyaa” jedhamuun beekama.Garaagarummaan dhaalsanyii akkuma maqaan isaa ibsutti hamma walfakkeenya dhabuu ijoollee fi warra isaanii gidduu jiruu dha. Amala yaadqalbii, saayitoloojii, xiinqaamaa fi morfoloojii namoota dhuunfaa gosa walfakkaataa wajjin walsimu ilaalcha keessa galchuun murtaa’uu danda’a.

Seerootaa fi qajeelfamoota xiinsanyundee

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Seera Dhaala snyii Gireegor Mendeliin

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Atari (Pisum Sativum) biqiltuu Mendel waggoota 7f yaalii godhee seera dhaalaa uumamtoota lubbuu qaban keessatti yaada dhiyeessuu irra gahe ture. Mendel qorannoo diqaalomsuu ilaalchisee gaggeeffameef amala adda addaa Pisum Sativum torba of eeggannoodhaan filateera. Mendel sararoota walhormaata dhugaa i.e. kanneen of-pooliineeshinii dhaabbataa keessa darbanii fi dhaala amala dhaabbataa agarsiisan fayyadame

Qajeelfamoota dhaalmaya

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Mendel diqaalessuu-tokkee (monohybrid) yeroo ilaalu seera dhaala lama dhiheesse-

seera addaan bahuu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

saayinsii dhaala sanyii Mendel keessatti seera aliloonni jiinii keessatti argaman yeroo uumama seelota saalaa addaan ba'anii seelota saalaa addaa addaa akka seenanii fi yeroo misooma hanqaaquu akka walitti deebi'an ibsu dha.

Seera ofmul'isuu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Qaamonni adda addaa akka qabattootatti waamaman amala to’atu. Qabattootni(factors) kun yeroo hunda cimdiin argamu. Jiinii cimdiin kana hundeessan keessaa tokko isa duraa irratti ol’aantummaa yn mul'ina qaba.

ofmul'isuu hanquu

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jenetiksii keessatti haala aliloonni jiinii amala giddu-galeessaa agarsiisani dha. Fakkeenya: yommuu angooxoon halluu diimaa kan halluu adii qabu waliin walirraa horan angooxoon haaraan uumamu halluu daanguleesa qaba.

Ofmul'isuu mirree

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

gosa doominaansii (ofmul'isuu) jiinii keessatti aliloonni lamanuu ofibsani dha. Fakeenyi beekamaan gartuu dhiigaa ABO dha.

seera garaagarumaa of danda'aa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

saayinsii dhaala sanyii Mendel keessatti seera yommuu amaloonni lamaa fi isaa ol dhaalaman wantoonni amaloota hunda too'atan ofdanda'anii warra irraa ilmaanitti darbuu ibsu dha. Kana jechuun dhaalamuun amala isa tokkoo dhaalamuu amala isa biroo irratti dhiibbaa hin qabu. Wantoonni kunniin yeroo uumama seelota saalaa of danda'anii ba'u. Amalli orgaanizimii sanaa hundinuu seelii saalaa keessaa bakka bu'ee qaba jechuu dha. Kun yeroo ammaa DNA isa jedhamu dha. Kan seera kana argate lammii Oostiriyaa nama Mendel jedhamu dha. (Mendel's 2nd law=law of independent assortment). (Austrian botanist, Gregor Johann Mendel, 1822-1884).